Gaalee | maalummaa, seerotaa fi gosoota isaa

gaalee afaan oromoo image

Maalummaa gaalee  

Gaalee n:

 => Walitti qindaa’ina jechootaa hojii tokko hojjetan ta’anii ergaa yookaan dhaamsa tokkoqabuudha malee,  yaadaa guutuu ta’e kennuu kanneen hin dandeenyedha. 

=> Mathima ykn xumura qabaachuu ni danda’a guru, lamaan isaanii altokkotti walfaana hin qabaatanu. 

=> Caasseeffama himaa keessatti qaama himaa yoo ta’u, jecha ykn garee jechootaa hojii tokkoof dhaabbataniidha. 

=>  Hima keessatti akka qaama tokkootti wal faana socho’u qabu.

 Seerota gaalee

  1. Miseensonni gaalee tokko ijaaran walfaana socho’uu qabu. Garaagar ba’uu hin qaban jechuudha

                     FKN inni sangaa foonii bite

                     Caalaan mana guddaa ijaare jedhu keessatti.

                     Inni farsoo boqqolloo dhuge.

yaadoonni “sangaa foonii”  , “mana guddaa” fi ”farsoo boqqolloo” jedhan akka qaama tokkootti socho’u.

  1. Miseensota gaalee ijaaran gidduu qaamni biroon seenuu hinqabu.
  2. Miseensonni gaalee tokko ijaaran qaama tokkoon bakka buufamuu danda’u.

FKN: Caalaan warqee wallaggaa bite.

Tolaanis isuma bite. Fakkeenya kana keessatti isuma kan jedhu gaalee Warqee Wallaggaa jedhu kan bakka bu’eedha.

  1. Miseensota gaalee tokko ijaaran keessaa jechi mataa gaalee sanaa ta’e, hafuu hindanda’u. FKN: Leenseen buna Jimmaa dhugde.

                  Boonaan Farda gurraacha bite.

Jechi bunaaf Farda jedhu mataa gaalee waan ta’eef gaalee kana keessaa hafuu hindanda’u. yoo jechoonni ‘bunaa’ fi Farda’ jedhan gaalee kanarraa kaafaman gaalee ta’uun isaa hafee hima ta’a.

Gaaleen tokko wantoota sadii ofkeessatti hammachuu nidanda’a. isaanis mataa, miiltoofi murteessituudha.

i. Mataa

Mataan gaalee sana kan bakka bu’uu fi gaalee sana keessaa hafuu hindandeenyedha. Akkasumas mataan gosa gaalee tokkoo kan murteessudha.

ii. Miiltoo

Miiltoon qaama gaalee ta’ee, mataa gaalee sanaa ibsuudha. Gaalee sana kan guddisuufi ijaarudha.

iii. Murteessituu

Murteessituun qaama gaalee ta’ee, lakkoofsaanis ta’e amalaatiin gaalee tokko waliiin hiriiruun mataa gaalee sanaa kan murteessudha. Murteessituun gaalee maqaa keessatti bitaa irraa gara mirgaatti mataa irraa fagaachaa adeema. Jechoonni gaalee maqaa keessatti murteessituu ta’uun galan: kana,  sana, kun, sun, tokko, lama, hedduu, xiqqoo, muraasa, fa’a.

Murteessitoonni gaalee maqibsii waliin galuun hanga wanta ibsamaa jiru murteessuudha.  Jechoonni gaalee maqibsii keessatti akka maqibsiitti tajaajilan akka, baay’ee, hanga tokko, harka sadii…

Gaalee gochimaa keessatti jechoonni akka murteessituutti galan immoo yeroo tokko, si’a baay’ee, altokko tokko fa’a.

Gaaleen garee jechootaa waliin hiriiruun gaalee uumaniifi mataa gaalee sanaa irratii hundaa’uun bakka afuritti qoobama.

1. Gaalee maqaa 

Gaaleen maqaa garee jechootaa hojii tokko hojjetan ta’anii kanneen mataan gaalee isaanii maqaa ta’eedha. Gaaleen maqaa maqaafi maqaarraa,akkasumas, maqaa fi maqibsarraa ni ijaarama.

Fkn. Mana citaa, sa’a aannan dallaa loonii fi kkf yoo ta’u, gaaleen maqaafi maqibsarraa ijaaramu ammo, sangaa gurraacha, muka jallaa mana bareedaa fi kkf.ta’a.

2. Gaalee addeessaa/ maqibsaa: 

Gaalee mataan isaa addeessa ta’eedha. Gaalee addeessaatiif miiltoo ta’uu kan danda’u durduubee yoo ta’u, yeroo hunda miiltoon gaalee addeessaa mirgarraa gara bitaatti mataarraa fagaachaa deema.

Fkn. Sammuudhaan bilchaataa, caalaarra bareedaa. Kan jala murame mataa gaaleeti

3. Gaalee gochimaa

Gaaleen gochimaa gaalee mataan isaa gochima ta’eedha. Gaaleen gochimaa akkuma gaaleewwan biroo ergaa guutuu kan hin dabarsine yoo ta’ellee kanneen kaan caalaa yaada nuqabsiisuu kan danda’uudha. Gaaleen gochimaa mataa, miiltoo fi murteessituu of keessaa qaba. Mataan gaalee gochimaa gocha ta’ee darbe, gocha ta’aa jiruu fi kan si’achi ta’u kan  addeessuudha. Fkn. Fiigee gale, utaalee ce’e, atattamaan dhufe.

4. Gaalee firoomsee/ durduubee:

Gaalee mataan isaa firoomsee ta’eedha. Gaaleen firoomsee tajaajila caaslugaa agarsiisuu malee qabiyyee mataasaa waan hinqabneef akka maqaa fi maqibsaa mataa qofaan ijaaramuu hin danda’u. mataan gaalee firoomsee keessatti miiltoo duratti ( duubatti) argamuu dandaa’a. kun immoo gaaleewwan biro irraa adda isa taasisa. Gaaleen firoomsee yeroo tokko tokko gaalee firoomseema akka miiltootti fudhachuu dandaa’a.   

fkn. – ( gaaddisa jalatti ) du’e.  inni (akka bineensaa gara daggalaatti) kaata. ( baadiyyaatti) gale. 

Wabii

Rabirraa Tafarraa (2009). Gadaa. Caasluga Afaan Oromoo. Finfinnee.
Addunyaa Barkeessaa(2012). Natoo: Yaadrimee Caasluga Afaan Oromoo. Finfinnee

Gaalee | maalummaa, seerotaa fi gosoota isaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to top